Barruule

THBO/ULFOn Hubama Kaleerra Maal Barre

Gaafa: Hagayya, 2016 Date: August, 2016 Tattaaffii Tokkummaan Humnoota Bilisummaa Oromiyaa(THBO/ULFO) Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromiyaa Humneessuuf Yaalee Fi Hegereen Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromiyaa Hubama Tarerraa Maal baree Of Tiksa. Seenaa qabsoo Bilisummaa Oromiyaa keessatti yeroo duraatiif Waliigalteen Jaarmayoota siyaasaa Oromo waliigatee Oromo kan 2000tiin beekkamu isa Ebla/April, 2000ti utubame sani. Waliigalteen akkasii seena qabsoo bilisummaa Oromiyaa keessattii fi seenaa jaarmayoota siyaasaa jiddutti ni taha jadhamee hin yaaddamne ture. Waliigalteen san kan duraa isa boodaa tahuuniis ni mala. Waliigalteen san isa eeybifamaa, seena qabeessa, kan sabboonoota baayye kakaasee, abdii fi hamilee itti horachiise, caala kan ummmata Oromiyaa daangaa malee gammachiise ture. Waliigalteen san bifa agoobaraatiin jalqabe. Agoobarri san, Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa ( THBO), kan afaan English, United Liberation Forces of Oromia(ULFO) ja’amee beekkamu. Barbaachisummaan waliigaltee sanii lola keessaa kan ABO fi AIBO jiddutti bara dheeraaf, bara 1980 kaasee haga 1992, geggeeyfamaa ture, lola kasaara, lola deegaa, lola seena qabsoo bilisummaa Oromiyaa keessatti gaddaan yaadatamu, lola lubbuu fi qabeenya ilmaan Oromiyaa hedduu qisaase hanqisuuf, olola walirratti ololamaa turame dhaabuuf, kan ammoo qabsoo bilisummaa Oromiyaa gabbisee, ittichee, irreessee, araara moora qabsoo bilisummaa Oromiyaa keessatti buusuuf kan akeekame ture. Dabalee, haala, amaloota fi kaayoo wal danqee qabsoo bilisummaa Oromiyaa ruurreessee qancerseef, furmaata soquuf waliigaltee bu’ureefame. Waliigalteen san jaarmayoota siysaasaa Oromo kanneen bilisa tahe mara haammattee ijaaramte. Waliigaltee san duuba goottan, hayyootaa, hoogganoota fi abboolee qabsoo bilisummaa Oromiyaa(the Oromo icons), kanneen qabsoo bilisummaa Oromiyaatiif bara dukkanaa itti dhama’an, itti ifaajjan, kanneen onnatee onnachiise, isaan lolee lolchiisee, jaallan fakkii daaddaa hin qabne qabsoo bilisummaa Oromiyaa keessatti mullisan, isaan arra qaamaan nu biraa deeman, jaallan qaalii sabni kun horate, jaallan saba isaani dukkanaa keessaa harkisanii ifatti baasan, jaallan gabrummaa salphinaan guutamte jibbee bilisummaa fi ulfina ummata isaanittiif hawwan kan akka angafticha qabsoo bilisummaa Oromiyaa Janaraal Waaquu Guutuu, kan dhaamsi isaa qaanqee tahee nama keessa deemu akkas jechuun seenaa isaanii ulfinaan xumuratan,”dandeenyu ni bilisoomsina dedhabnu ilmaan itti guddifna” jedhan! Akkasuma, Sooreeysa Jaarraa Abbaa Gadaa, abbaa waraana bilisummaa Oromiyaa(WBO), tokkicha kumaan lole, goota diinaaf summii onnee gootummaa milliyoonaaf raabsee qaamaan nu biraa deeme. Ammaas, Sisaay Ibsaa the Oromo visionary, hayyuu gabrummaa jibbee itti fufa isaatillee gabrummaaf quudhu didee qaaman nu biraa deeme, yaadachuu fi maqaa dhawuu ni dandeenya. Hayyootaa, goottanii fi hoogganoota nyaapha yaaddeessee lammii boonse kanneen seenaa isaanii dhaadheessinee fixuu hin dandeenye maraatu THBO/ULFO keessaan mullata. Isaaan mara waaqni fuula itti haa tolu. Biyyeen irraa haa salphattu. Nutiis xurree isaan taraaran irra yaane, torchii qabsoo bilisummaa Oromiyaa tan isaan lafa kaayanii garaa dachii galan kaafnee dandeenyu galmaan gahuu dedhabnu dhaloota itti aanutti kannuudha! THBO/ULFO heeraa fi seera akkasumaa sagantaa siyaasaa adii ummanni Oromiyaa ittiin masakamee if bilisoomsu diriirsee huuba irraa dhawee lafa kaaye. Akeekaa fi galii THBO/ULFO kana milkeessuuf jaarmayoonni Oromo kan miseensa THBO/ULFO turan kopha kophaa deemu fi qabsaawuu dhiisanii gamtaan socho’uun bu’a qabeessaa fi fardii akka ta’e, THBO/ULFO bara 16 dura tilmaamee ture. Tokummaan jaarmayootaa fi qabsaa’oota bilisummaa Oromo gaaffi ummata Oromo ture. Gaaffiin kun ammallee gaafatamaa jira! ummanni keenya dheebu bilisummaa fi tokkummaa akka qabu ni hubanna. Adeemsa keessatti hujiirratti jaarmayoonni miseensa THBO/ULFO turan, kan kaayoo fi galiin isaani tokko tahe tokkummaa kana akka hujitti hiikan heeraa fi seerri THBO/ULFO karra baneefi ture, balbala saaqefii ture. THBO/ULFO irra deddeebi’ee barbaachisummaa tokkummaa dhaabolee siysaasaa Oromo himaa/barsiisaa ture. Akeekni THBO/ULFO humna namaa, qabeenya fi dandeeytii faca’aa iddoo tokkotti deebifamee akka qabsoo bilisummaa Oromo jabeessu hawwamee ture. Qabeenyi, muuyxannoo fi beekkoomsa miseensoota irra burqe kun akka gumaacha qabsoo bilisummaa Oromiyaattif oolu qaceelfama kannaa ture. Fedhii kana dhugoomsuuf hafuura jaallummaa ti fi sabboonummaatiin waliigalteen san akka milkeessan ijjibbaanni laafaan hin godhamne. Gamtaan warraaquun dhaabolee Oromiyaa umrii gabroofataa gabaasee bilisummaa Oromiyaa kaleessu yookaan fiduu waan dandayuuf kun marti yaaddame. Qabsoon saba keenyaa ummataa fi jaarmayoota isaa malee fira biroo waan hin qabneefi. Tokkummaan jaarmayoota siyaasaa Oromiyaa murteessaa akka ta’e ULFOn dhimma kana bara dheera itti dhama’ee ture. Gaaffiin tokkummaa jaarmayoota kun gaaffii yeroo qofa osoo hin tahin, gaaffii qabsoo bilisummaa Oromiyaati fi gaaffii ummata keenya tahuu amanuudhan, dirqamaa fi irbuu seename hujjitti hiikuun wa’ada galamee tureedha! Jaarmayooni bilisummaa Oromiyaa kan maqaan isaani armaan gaditti xuqame kun bifa ittiin THBO/ULFO fuuldura itti socho’u qabu marii geggeessan yaada itti aanu keessatti dubbiftoota yaadachisu barbaanne; Adooleessa/ July bara 2000 keeysa hogganoonoonni ol'aanoon jaarmayoota Oromoo afur (4) walitti dhufanii, marii dheeraa booda sochii bilisummaa Oromo fuuldura tarkaanfachiisuurratti waliif galan. Jaarmayoonni afran dura walitti dhufe kun, ABO, ATBUO, FIDO, GBO turan. Achiin booda Birraa ( Fuulbana)/September bara 2000ti akkaataa itti waliin hojjatanirratti marihachuuf baallamatanii addaan ka'an. Addaan ka'iinsa kanarratti karoora walhubannoo walirratti duulu dhaabuu, walirratti ololuu dhiisu baafatanii turan. Akkuma baallamatanitti Fuulbana bara 2000 keeysatti jaarmayoota afran armaa olitti maqaan dhawame biratti, ABUO(OPLF) fi IBSO-1n afeeramanii mariin jalqabamte. Marii tanarratti waan irratti waliif galanirratti waliin hojjachu murteeyfatan. Kan irratti waliif hin galin ni bulfatan. Akeekni walgayii sanii waan waliin hojjatan cunfanii baasuudhaan karoora gabaaba fi dheera lafa kaayyatanii adda ka’an. Walgayii Fuulbana bara 2000 tahe irrattiis qabxiilee ciccimtuu qabsoo bilisummaa Oromiyaa ilaalu irratti waliigalteen raggaasifamte. Waliigalteen san, akkuma seensa keessatti xuquuf yaalletti, Waliigaltee Oromo 2000 (Oromo concensuss 2000) jedhamti. Handhurti marii sanii, Jaarmayoonni siyaasaa Oromiyaa marti mata mataan ceceehuu dhiisanii qabeenya, dandeeytii fi beekkumsa isaani bakka tokkotti deebisanii gamtaan qabsoo bilisummaa Oromiyaatiif oolchu fi gumaachu waan ja’u akeekan! Adeemsa keessatti humni namaa, beekkoomsi fi qabeenya duraan hiramee ture san iddoo tokkotti luuca’ee qabsoo bilisummaa Oromiyaa tan THBO/ULFOn geggeeyfamu akka gabbisu ture. Ammallee yeroo osoo hin balleessin dhaabooleen minseensaTHBO/ULFO tahe akkuma hujii irratti wal fudhachaa deemanitti gara tokkoomu akka deemamuu qabu mariin san ibsitee turte. Tokkummaa akkamtu hawwame/eeggame; jaarmaya siyaasaa tokkicha jabaa kan sagantaa siyaasaa, heeraa fi seera, hooggana fi waraana tokko jalatti bulu isa gabrooftaa mancaasee Oromiyaa bilisoomsuutu yaaddame. Alaabaas tan biyyaa isii halluun Gurraattii, Diimtuu fi Adii ibsitu akka leellifatan waliif galamee ture. Yaanni kun itti fufee, imaammataa fi hujii diplomaasii tokkicha tumatanii, afaan tokkoon lammii fi alagatti dubbituun barbaachisaa akka ta’e hayyoonni marii kana keessaa turan ibsanii turan. Akeeka kanarratti irkachuudhaan caasaa fi jaaraminsi THBO/ULFO ijaaramuu dandahe. THBO/ULFO hujiin hin mullatu ture! Tarkaanfiin fudhatees tarkaanfii tarkaanfii qocaa hin caalle ture. Haala agoobarri kun keessa galeef sababoota hedduu tarreessuun ni dandayama. Fakkeenya tokko xuqnee bira kutuun haqa! Inni saniis THBO/ULFOn jalqabarraa jaarmayoota hedduurraa jaarame. Jaarmayni miseensa THBO turan kun maqaa Oromo haa qabaatuu malee adeemsa keessatti murni xoophiyaa deeggaru (pro Ethiopia) suuta suutaan mullachuu iddoo fedhii fi kaayyoon isaani jirtutti hiixachuu eegalan. Kan raajjii nama tahu garuu, eega murni xoophiyaa deeggaru kaayyoo isaa dirree baafatee socho’uu jalqaballee, THBO/ULFO murna kaayyoo isaatiif faalla ta’e kana waliin hariiroo fi tokkummaa barbaadu isaati! Bara kudha shan guutu tattaaffiin murna kana waliin yaalame marti fashaluu isaa barre! Waan wal didu (incompatible principle) yammuu walitti harkisan bu’aan isaa hin jiru. Kunilleen tahee osoo jiruu, THBO/ULFOn hagana turuunu isaatuu cichoomina jaallan biicuutiin akka tahe beekkamaadha. Bu’aa bahii namoonni xiqqaan godhan kun maqaa, akeekaa fi galiin isaa itti fufa akka qabaatu taasisan. Haaluma kana keessatti bara 2005 keessa Sagantaa siyaasaa, heeraa fi Seera baafatee hojii jalqabuun kutannoo miseensoota xiqqaa fi kan harki biicuun irratti hojjate ture. Wanni barame sagantaan bareedduun, heeraa fi seerri haqaa fi dhugaan guutame kophaa isaanii rakkoo hundee hiikuu hin dandeenye. Rakkoon hundee kun rakkoo furamuu miti. Kaayyoon waliif faalla ta’e mariin hin furamu. Karaan inni itti furmaata argatu, tokko kaan baalleessu qofaani. Karaa biraatiin kaayyoo tokko kaayyoo warra kaani moohu/injifatuuni jechuudha. Kaayyoon wal didu wal galaafata malee walitti hin araaramu, waliiniis hin deemu. Niis hin tokkoomu. Simply put, incompatible principle is irreconcilable! Bara kudha jahaaf kaayyoo faallaa walii tahe tokkoomsuuf baayye itti dhama’ame. We all witness its outcome. Ammallee abdiin hin kutamne. Bara 2006, walgahii Gumii Idda Bu'oota THBO/ULFO irratti akka dhihaatetti, waliigalteen haarayni wixinamee irratti marihatamee fedhii bakka bu'oota jaarmayoota miseensa THBO/ULFO tahan hundaan raggaasifame. Baruma kana (10,2006) keessa koreen huji raawwattuu THBO/ULFO, ABO Shanee Gumii kan Dawudiin geeggeefamu ULFO keessa raarraafte. Sababni gareen kun itti rarraafame dhaaboota nafxanyaa kan kaayyoo ULFOtiin faalla tahetti waan hiixateefi. Dhaabni isaan itti hiixatan kun CUDP fi EPPF kan beekkaman ture. Boodarratti dhaaboolee nafxanyoota kana waliin AFD waan jedhamu uummtan! Yaaliin tokkummaa itti fufe. Baruma kana keessa (2006), waliigalteen Torontoo jedhamee beekkamus jalqabe. Jaarmayoota miseensa THBO turanii fi kanneen reefu dhalatan kan Adda Walabummaa Oromo (AWO) fi Qaama Ceehumsaa ABO (QC-ABO) dabalatuun mariin tokkummaa jaarmayoota itti fufe. Itti baha marii sanii ji’a torba keeysatti jaarmaya tokko, siyaasaa takka, hoggana tokko, sagantaa siyaasaa takka, caasaa tokko jalatti akka masakamuuf karaa bu’an akeekan. Garuu, yaada kana fudhachuu yookaan fudhachuu dhabuu jaarmayoonni hundi murteeyfatanii Adooleessa/July 30ti akka walitti dhufanii murtii fi ejjannoo isaani akka kannatan waliif galame. Garuu kuniis taanaan milkii malee faca’ee fashale! Jaarmayoonni kaayyoo faalla THBO/ULFO qaban agoobara kana jalatti tokkoomu hin barbaanne. Dhugaan kun garuu ummata Oromotiif hin himamne. Caluma jedhamee waan tokkummaa kana lafarra shurroysuu fi gangalchuun filatame. Bakka garitti inumaa jecha tokkummaa jedhu kanatti warri itti qoosuu filatees ture.” Maali sibiila moo dhadhaa kan wali baqan” jechuudhaan barbaachisummaa tokkummaa kanaaf tuffii qaban calaqqisaa turame. Tokkoomudhaaf hin tokkooman, yoo kaayoon, galiin, ilaalchi fi tarsimoon si tokkoomsu hin jirre. Kanneen kaayoo faallaa qaban tasuma tokkoomuu hin danda’an. Warri kaayoo tokko qabu tokkoomuun laafaadha. Fakkeenyaaf, ABUO/OPLF fi GBO kaayoo fi galii tokko waan qabaniif laafatti tokkoomanii waliigaltee Oromo 2000 mamii malee fudhatanii hujitti hiiku filatan. Kana jechuun; Murtii fi tarkaanfii jajjabduu fudhatanii osoo hinturin qabeenyya, dandeeytii fi muuyxannoo qabsoo bara dheera horatan bakka tokkotti deebisanii, Jaarmaya tokko, Caasaa tokko, saganta siyaasaa fi hoggana tokko jalatti hiriiranii qabsoo Bilisummaa Oromiyaa fuuldura tarkaanfachiisuu murteeyfatan. Murtii san hujitti hiikuuf, Sadaasaa, 2006 Kora seena qabeeysa tahe kan jilooni dhaaboota lamaanii irratti argamaniin dhugoome. ABUO/OPLF fi GBO yeroo duraatiif miseensa THBO/ULFO kan tokkoome! Maqaan bara san moggaafataniis Gumii Adda Bilisummaa Ummata Oromiyaa(GABUO) ture. Ji’a Ammajjii bara 2009 keessaas gumiin idda bu’oota THBO ammallee taa’ee dhimma keessaa fi alaa irratti marii ciccimoo geggeessan. Miseensoonni THBO kan bara san teeysuma sanirraa hirmaate, ATBUO, FIDO, GABUO fi AWO turan. Walgayii kanarrattillee adeemsa keessa tokkoomuuf akka tilmaammatan yaa’iin san calaqifte. Adeemsa gabaaba booda AWOn baabura tokkummaa sanirraa qaare, waanuma tokkummaa jedhu kana keessaa guututti of luqqaase. Kanneen wali hafan FIDO, ATBUO fi GABUO turan. Jaarmayni sadeen kun sagantaa siyaasaa, heeraa fi seera, kaayoo fi galii waliigaltee Oromo 2000 guututti fudhatanii akkuma irbuu seenanitti itti fufan! Itti aanuudhaan, Bitooteessa bara 2010 dhaaboleen sadeen FIDO, ATBUO fi GABUO sagantaa siyaasaa, heeraa fi seeraa akkasuma hooggana tokko jalatti tokkoomuu fi wali baquu murteeyfatan. Labsi bara san bahe akkana jechuun amna dheeraa tokkummaaf deemame san goolabe: “ Adhering to that core vision, core values and guiding priciples of ULFO, and based on the merger agreement we reached in January 2009, today, we have fully concluded that agreement by endorsing that our three organisations transformed and operate as one, as ULFO, having one political program, constitution, and leadership” Kun Seenaadha ! barruun taa’e! Eega FIDOn, ATBUO fi GABUOn tokkoomanillee mariin tokkummaa jaarmayoota Oromiyaa itti fufuun, bara 2011 irraa kaasee hamma bara 2014ti mariin dhaaboolee Oromiyaa tokkoomsuu ciminaan itti fufe. Marii kana sadarkaa biyyaa fi sabaatti olkaasanii, kaayoo duraan faalla walii tahellee haala itti wal fudhachiisanii waliin hojjachuu itti dendayaniif dursaa kannanii itti seenan. Mariin kun Qaama Cehumsaa-ABO waliin eegalamee, Gurmuu Qabsaa’oota dabaletee, boodarratti murna ABO shanee Gumiitiis haammatee itti fufame. Akkuma amma dura akeeknetti, jaarmayni kaayoo wal faallaa qabatee ittiin maskamu tasuma wal ta’uu hin dandayu. Ragaan, yeroo kanallee karaa mariirra osoo jiranii wal jalaa miliqanii qaamuma ofii irraahuu citanii qaama biraatitti dabalamuu, wal jiddutti shakkii uumu fi walirratti amantaa dhabuutu battala qabatee ture. Haalli kun hafuura tokkummaa fi jaallummaa bocole. Keessaahu, haalli san Gurmuu qabsaa’oota aarsee ture! Amma gaa, eega Qaamni Cehumsaa ABO Shanee Gumii waliin wali galan, mariin bifa haarawaan itti fufame; hirmaattoonni marii sanii, THBO , ABO Shanee Gumii fi Gurmuu Qabsa’ootaa turan . Mariin qaama sadeen Kanaan geggeeyfame itti fufe waan baayye irratti waliif galamee ture. Fakkeenyaaf, isaan keessaa THBO maqaa isaa dhiisee maqaa ABO fudhatuu. Alaaba abbaa Gadaa tan halluun isii Gurraatti, Diimtuu fi Adii san dhiisee alaaba ABO fudhatuu fa ture. Karaa birootiin, Qaamni Gurmuu Qabsaa’oota bakka bu’ee marii sanirra ture, tokkummaan hawwame kun hujitti hiikkamuuf halduure kaayanii turan; haldureen kun koreen yeroo takka qaama sadeen kana keessaa baatee, haga korri sabaa yaamamutti, koreen yeroo tun hujii guyya guyyaan geggeeysu akka qabdu akeekan/ gaafatan. Gara THBO haaldureen tokkolleen hin turre. Ammoo, wanni ture haala itti caasaa jaarmaya THBO fi ABO Shanee Gumii itti wal fudhachiisanii tokkooman irratti wal dhabbiin dhalatte. Haalli kun wanni calaqqise tokkummaa dhugaa sanitti amanuu dhabuu fi laffaatii bara dheera san daara godhanii nutti galaa jedhan! Kanaaf, ABO Shanee Gumiitiis wa’ada ifumaa galan diigan. Mariin tokkummaa jaarmayoota Oromiyaan kan baroota saniitiis achitti waaqa gale! Sochii Amma Dargaggoo fi Shamarran Oromiyaatiin Shidamee ummata Oromo bahaa, dhihaa, kibbaa, ka’abaa wali hidhee Shiftootaa fi kittallayyoo ilmaan Tigray raasa jiru ilaale. Qabsoon bilisummaa Oromiyaa gootota gameeyyii genamaatiin jalqabe osoo adda citin kufaa ka’aa itti fufee jira. Wareegama ulfaata lubbuu sabboontootaa fi qabeenya hedduu gaafateen osuma tiratuu as gahe. Torchiin bilisummaa Oromiyaa hiixaxee bifa boonsaa ta’een dhaloota haarayaaf dabree jira. Kun injifannoodha! Dhaloonni haarayni dhaloota qubee jedhamee beekkamu. Isaan kun osoo hin baqatin ummata isaa keessa jiraate falmate/falmataa jira. Falmaan isaani falmaa abbaa biyyummaati. Falmaan abbaa biyyummaa kun bifa addaatiin cimee geggeeyfamaa ture ittiis fufee jira. Wareegamni barattoonni Oromo baasee, baasaa jiru kun gaaffii Oromo adunyaa mara dhageesisee barsiisee jira. Dabalee kan saba Oromo boonsee mataa olqabachiise. Gumaa keessan sabni keessan ni baasa! Jabaadha! Silaa ummanni keenya jaaramee, hidhatee, nyaapha keessaati fi alaa sirritti firraa tiksee nyaapha ilmaan Tigray kana gamtaan rukutee, bilisummaan Oromiyaa fagoo hin jiru. Ammallee taanaan kun hin hafu! Yoo ummanni keenya bifa ammayyaatiin ijaaramee falmatee if bilisoomse malee, imaammanni shanyi duguuggaa kan Addi Bilisummaa Ummata Tigray(ABUT) saba keenyratti labse kun balaa guddaa saba keenya jilmaan aaggatee balleessuuf deemu akka tahe hubatuudhaan karaa hundaan, waa hundaan imaammata badaa (ABUT) kana ummanni keenya dura dhaabbatee, falmatee itti qabasaawuu akka qabu jajjabeessinee yaadachifna. Gaafa ABUT Imaammata isaa badaa san hujitti hiikuuf ka’e, joolleen Oromo daa’imoota kichuu dabalatee, silaa dhumuun keenya hin hafuu falmannee dhumuu wayya murtii fi ejjannoo jedhu qabatanii nyaapha mi’a ammayyaa hidhatee naasuu takka malee isaan tumaa, ajjeessaa, hidhaa jiru harka duwwaa dura dhaabbatee eenyummaa, jireenya, bilisummaa fi abbaa biyyummaa isaa/isiitiif falmuu fi qabsaawuu filate. Dhaloonni qubee gabrummaa fi roorro ilmaan Tigreetii fi kittillayyoota isaani jibbee ka’eera. Gabrummaan nu geha jechaa jiru. Oromiyaan keenya jechaa jiru. Ilmaan Tigree Oromiyaa irraa bahaa jechaa jiru. Addii Bilisummaa Ummata Tigray humnaan Oromiyaa qabattee lafa Oromo gurguruu, ummata Oromo salphisuu, hidhuu, ajjeessu, summiin woraanu, gudeedu fi tumuun nu geheera jechaa jiru. Alaa fi mana keenyarraa buqqaafamuun nu gehe jechaa jiru. Biyya keenya Oromiyaa irraa buqqaafamnee eessa deemna jechaa jiru. Badiin keenya maali jechaa jiru. Badii keenya Oromo tahuudha jechaa jiru. Badii keenya biyya gabbattu badaatuu qabaatuu keenyaa jechaa jiru. Falmaa hadhaawa, kan lubbuu fi qabeenya baayye gaafate dhaloonni qubee geggeessaa jira. Gaaffii Oromo boolla keessaa baasanii guluntaa addunyaatti ol kaasaniiru. Goottan dargaggoo fi shammarran Oromiyaa akkasuma haadha abbaa isaanii dabalatee soda tokko male ilmaan Tigree ti fi kanneen garaaf bitamanii isaan waliin dhaabbate harka duwwaa dura dhaabbatee roorroo fi dhiitaminsa isaan mudate falmachaa jira. Sochii fi falmaan abbaa biyyummaa kan dargaggoo fi shammarran Oromiyaatiin jalqabe ummata keenya bahaa, dhihaa, kibbaa, ka’abaa tokkoomsee kaasee qabsoo bilisummaa Oromiyaatiif hiriirsee jira. Falmaan joolleen Oromo mana barnoota jiran kanneen qalamaa fi daftara malee humaa harkaa hin qabne eegalame kun abdachiisaa fi onnachiisa akka ta’e ummata Oromiyaa dhiisi, addunyaanu jejjee jirti. Kanaaf Bravo! Jabaadha! Dhugaan isin woliin jira jennaan! Isintu kan hegereeti jennaan. Isintu abbaa biyyaati. Isintu abbaa Oromiyaati. Sirruma, qabsoon gaddaa fi gammachuu keessa loote galma geessi. Haaloota, amaloota fi kanneen kaayyoo diina tarkaanfachiisu barbaadan, kanneen ilaalcha fi kaayyoo diina Oromo irra tursiisu filate, arraas daa’imman kichuu keessa galanii akkuma ABO keessatti jaarmaya jaarmaya keessatti ijaaru baran sanitti, dhaloota qubee keessatti maadhee tolfatanii, maqaa itti baafatanii, mi’a diina tahuu kanneen filatan dhageenya. Kun gochaa diinaati. Diinni jilmaan si balleessa. Gochaa gadhee baratootta Oromo irratti raawwatamee, raawwatamaa jiru kana ni balaaleeffanna. Barattoonni Oromo amala, haala fi hujii basaastoota sirritti hubatee itti yaade of baraaru qaba. Kanneen duruun harka nyaapha galeniis jabaadha jechaa. Gaaf tokko ummanni keenya gadadoo kana irraan yaa’ee keessaa akka bahu mamii hin qabnu. Goottan dargaggoo fi shamarran Oromiyaa sirritti of tiksee, of ijaare, hidhatee nyaapha hamaa saba keenya jilmaan Oromiyaa irraa haqu barbaadu kana dura dhaabbatee mancaasu qaba jenna. Ummanni keenya jiruu gabrummaa tan gadadoon guutamte tanarraa of baraaruuf, ijaaramee, tokkoome, icitii isaa tikfatee, caasa tika qabu caafatee qabsoo bilisummaa Oromiyaatiif godhaa jiru daran finiinsu qaba jenna. Furmaanni maayyi bilisoomu! Bilisummaa jechuun keenya ummata bilisa, biyya Bilisa jechuun keenya! Hegereen Qabsoo Bilisummaa Oromiyaa Maal Fakkaata Qabsoon bilisummaa Oromiyaa(QBO) diina keessaan itti maxxanee, keessaa isii nyaachaa ture (embedded enemy) fi diina alaa beekkama hundaaf wareegama ulfaata lubbuu fi qabeenya guddaa gaafate baasee asgeera. Haaloota ciccimoo jireenya QBO sarde mara jalaa miliqaa, kufaa ka’aa injifannoo daaddaa hin qabne galmeesse jira. Itti fufni QBO haaloota amma dura isii dagee, sobee, borcee, hubee kan keessaa rirma itti ta’ee dhiiga isii xuuxaa ture mara sirritti hubatee, bulleefatee gargar baafatee itti fufu qabdi. Qabsoon bilisummaa Oromiyaa haallan ulfaata asiin olitti ibsame kana mara keessa qaxxaamurtee dhaloota haarawatti tarkaanfattee jirti. Yeroo duraatiif, seena qabsoo bilisummaa Oromiyaa keessatti, gaaffiin abbaa biyyummaa kan dargaggoo fi shamarran Oromiyaatiin jalqabame bifa dinqisiisaa ta’een dagaagee Oromiyaa mara haammatee jira. Dhugumatti sochiin bifa Kanaan Oromiyaa mara walgahee diina raase kun amma dura argamee hin beekkamu! Sochiin kun ummata Oromiyaa kan gabrummaa jalaa of baasuuf bara dheera qabsoo adda hin citin geggeessaa tureef hamilee fi abdii haarawa kanneefi jira. Sochiin haarawni kun akka gara humnaatti jijjiiruun barbaachisaa tahe fedhii sabboontoota hedduu ti. Carraan sochii barattoota Oromiyaa kun yoo irree horatee Adda Bilisummaa Ummata Tigray(ABUT) mancaasee moohe malee, wayyaanoonni imaammata shanyi duguuggaa fi Oromiyaa iddoo lama kutanii Oromo saba guddaarra gara saba biicuutti geeddaruu barbaadan itti fufa. Moohinsi sochii kanaatiis dammaqinsaa fi kutannoo cima Oromo gaafata. Dabalee, suchiin kun yoo kaayoo, ilaalchaa, fi tarsimoo walfakkaatu, kan Oromiyaa bilisa godhuuf qabaatee ka’ee of ijaaree, hidhatee, waliif abboome qofa galii isaa rukutuu dandeya. Kufaatiin sochii kana balaa gudda QBO fi waluma galatti ummata Oromo irra akka fiduus ammaan jalqabamee raaguun nama hin dhibu. Failure is not an option. Ummanni Oromiyaa ummata nagaya jaalatu. Ummata bara dheera safuu isaa qabatee, sirna kiyyoo habshaa obese jiraate. Ummata ollaa isaa waliin nagayaan jiraatee jiraacha jiru. Ummata arjummaa qabu. Ummata mirga saba biraa hin dhiibne. Ummata kanatti roorroon galte. Ummata lakkooysaan hedduu, kan biyya badhaatuu qabu. Ummanni hagana gehu gaafa tokkoomee, ijaaramee icitii isaa tikfatee iddoo jirutti nyaapha ilmaan Tigray mancaasu/waraanu jalqabe, guyyaan itti roorroo, gidiraa, dhiitaminsa, tuminsaa if ajjeechaa hamaa fi badaa ilmaan Tigrootaatiin irra raawwatamaa jiru kana jalaa of baasu fagoo hin jiru. Qabsoon bilisummaa Oromiyaa harka isiin male keessa galee jira. Harki kun barattoota ( dargaggoota, shamarrani) fi ummata Oromiyaati. Murteeysaan isaan kana. Isaan biyya keessa diina balleesse badaa jiru kana! Isaantu abbaa qabsooti. Isaantu of ijaare, caasaa barbaachisu caafatee, hidhatee, hooggana of keessaa baasee of bilisoomsa. Isaan kana abdiin qabsoo bilisummaa Oromiyaa. Kanaaf, fagoorraa waanni eegan hin jiru. Waan hin jirre kajeelu dhiisanii ofirratti irkatu qaban. Murni fagoorraa qabsoo bilisummaa Oromiyaatiif abdii hin jirre kannee abbaa irra tahuu kajeelaniis yoo jiraate, ummanni keenya abjuu kanaaf gurra laatu hin qabu. Kanneen Oromiyaa irraa fagaate yaada qabsoo bilisummaa Oromiyaa, keessaahu gaaffii abbaa biyyummaa kan daa’imoonni kichuun itti nyaadhamaa jiran, gama ofii debsatuu barbaadanirraa wanni eeggamu hin jiru. Ummanni keenya dhugaa kana hubatee ofirratti irkatee diina halkanii guyyaa isa nyaatu kana ofirraa kaasu qaba. Hegereen qabsoo bilisummaa Oromiyaa isini! Isintu abbaa qabsooti. Sochiin haarawni isin eegaltan kun hamilee fi abdii mili’oonaaf kannee jira. THBO/ULFO sochii barattootaa ti fi ummata Oromiyaa guututti deeggara. Gumaacha humna namaa, qabeenyaati fi qaceelfama barbaachisu mara fagoorraa osoo hin taane Oromiyaa keessaa falmatee ni baha! Isinii waliin jiraasi. Dhumarratti, waliigalteen Oromo 2000 jaarmayoota bilisummaa Oromiyaatif hiriiranii fi walumaa galatti ummata Oromiyaatiif abdii fi hamilee addaa uume ture. Abdii fi hamileen arkame san, gara hujiitti hiixachuu hin dandeenye. Sababaaleen akeekaa fi ilaalcha waliigaltee Oromo 2000 danqee gaadi’e baayye tarreessuu ni dandeenya. Tokkoffaan, humna kaayyoo hidhannootti amanee Oromiyaa sirna kiyyoo Abbysina jalaa baasuu barbaaduu fi murna kaayyoo dhoksaa qabatee impaayara jiraachisee, achi keessaan hanbaa aangoo kajeeluutu wal danqe. Lammaffaan, amaloota (behaviors) tokkummaa fi gamtaaf faalla ta’an kan akka hiriyyummaa fi gandummaan waliif goliisuu/tumsuuti. Amaloonni kun heeraa fi seera dhablee baayyisee xawalwaallee mooraa qabsoo keessa guute. Sadaffaan ana malee, tiyya malee (egotism). Bakka haalli akkanaa dagaagetti hafuura jaallummaatiin akkasuma dantaa biyyaa fi sabaatiif dursaa kaannuun rakkisaa akka tahe agarre. Amaloonni kun yaada guddaa qabsoo bilisummaa Oromiyaatiif silaa godhamtu san hafuura dhoowwate. Haalli kuniis jaarmaya ijaaru (institution building capacity) gufachiise. Afraffaan, dantaa waloo (national interest) arkuu fi dursaa kannuu dhabuutu mullata. Oromoon biyya anbaa jirulleen bilisa tahee dhimma biyyaa irratti mari’atuu hin dandeenye. Daandii tokkummaa jaarmayoota siysaasa kan saaqe THBO/ULFO dha. ULFOn tokkummaa dhugaatti amana. Tokkummaan dhugaa kaayyoo qabsoo hidhannootiin sirna kiyyoo Abyssina Oromiyaa irraa kaasee, awwaalcha sirna Abyssina irratti Oromiyaa bilisa lallabu. Akeekaa fi galii kana milkeessuuf qabsoo ofirratti irkannootii fi guuza ummata Oromiyaa qabsoo isaatiif akka oolu gaafata. Akka amma duraatti, murna kaayyoo isaatiin faalla deemu waliin yeroo isaa balleessuun hafee, muuyxannoo bara kudha shan guutu horatetti dhimma bahuun, of eeggannaa barbaachisu mara godhachuun, kanneen (jaarmayoota, murnaa fi sabboontoota leexaa) kan kaayoo, ilaalcha, galii fi tarsimoo THBO/ULFOtiin waltahu(compatible) filatee marii kana itti fufa. Tokkummaan jaarmayootaati fi qabsaa’ootaa utubaa qabsoo bilisummaa Oromiyaa waan ta’eefi. Qabsoon keenya humnaa’u waan barbaannuufi. Tokkummaan akkuma jedhame humna! Mooraan qabsoo bilisummaa Oromiyaa xawalwaallee fi ayyaan llaallattuu firraa horguftee irree horachu qabdi. Tokkummaan Humna! Oromiyaan Ni Bilisoomti! Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (THBO)