Pressrelease Banner English

Lolli Duguuginsa Shanyii Oromoorratti cimaa jira

Ebla 25, 2013

Mootummaan Wayyaanee shanyii Oromoo lafarraa fixuuf lola cimsaa jirti. Dhiheenna kana hawaasa Oromoo ‘Harargee Bahaa’ irratti xiyyeeffattee jiri. Ammaan tana ummattni naannoo Aniyyaa, Jaarsoo tii fii Mi’eessoo haala kanaan miidhamaa jira.

Lolli ammaan tana naannoo baha Harargeetti deemaa jiru kun karoora guddaa mootummaan Wayyanee ummata Oromoo lafa akaakayyuu fii Abaabayyyuu isaarra buqqisuu fii qubsuma Oromoo xiqqeessuuf saganteeyfatte hojitti hiikuudhaan wajjiin kan walqabate tahuu mirkaneeysa. Karoorri hogganoota Wayyanee, kani isaanuu lafa argame hundatti ibsan kun, fedhii yeroo dheeraa kan siyaasaa tiifii kan saaminsa dinagdee guuttachuuf akka ta’e ni hubatama.

Galiin beekkamaan Wayyaanee qabdu jiruu ilmaan Oromoo guutumatti barbadeeysuudha. Mootummaan saba bicuu tan humna qawweetiin angoo dhunfatte baayyinna ummata Oromoorraa soda guddaa qabdi. Sodaa kana ifirraa xiqqeessitee haga dandeette lafa Oromoorra turuuf waan dandeettu hundatti dhimmaa ba’aa jirti.

Gochi dabaa kani Wayyaanee godhaa jirtu kun lafa gara garaatti ummata Oromoorratti miidhaa guddaa fidee jira. Baroota 22aan dabran keessa, Wayyaneen lola duguuginsa shanyii Oromoorratti oofaa dhufte. Gariin lola fixiinsa Oromoo kuni dhoksaadhaan geggeeffamaa ture. Lola dhooksaa kanaan lubbuu namaa tiifii qabeennaas hedduu barbadeeysan.

Akkasumattillee lolli hedduun suduudaan Oromoorratti geggeeyfamee jiara. Lolli akkanaa loltoota Wayyaaneetii fii meeshaalee cunqursaa kan akka poolisii federaaliitiin Ummata Oromoorratti gaggeeyfamaa bahe. Lafa gariitti ammoo lola kana suduudaan otuu hin ta’in, ofiif faana balleeyfatanii, humna biraa kan isaan bakka buufataniin hojiirraa oolchaa jiran. Humnootni WAYYANEE Oromoorratti akka duulaniif bakka buufattu sablammiilee ollaa Oromiyaa qubatanii fii warra Oromiyaa keeysa qubatan garii akka tahan arguun nama hindhibu.

Baroota hedduuf WAYYANEE lola duguuginsa Shanyii dhoksaadhaan ummata Oromoorratti deemsisaa baate. Lolli akkanatti sanyii fixuu kuni yaada “mirga dhala namaa cabsuu” jedhu jalatti laalama. Gochi WAYYANEE saba Oromoorratti godhaa dhufeefii godhaa jirus karoora duguugiinsa shanyii hojitti hiikuudha. Wantoonni hojii tana aditti mul’isan hedduudha. Fakkeennaaf, baroota 90 mman keessa manneen hidhaa “Nazi” fakkaatu Dhedhessaa, Zuwaay, fii Huursotti Oromoota kumaatamaan hidhuun niyaadatama. Oromoo kumaann lakkaa’amu mooraalee kanneenitti erganii warrersuu, dararuu, araraasuu, beeleessuu, dhibee namarraa namatti dabruun midhuu, bimbee buseetiin ciniinsisuu fii WKF… miidhuun ni hubatama. Hidhaa hamtuu duguuginsa shayii Oromoo kanarra namoonni hedduun midhaarraa hin dandamanne. Kana malees, addunyaarraa haa dhokatu malee, manneen hidhaa hedduun, manneen hidhaa lafa jalaa tiifii mooraalee waraanaa tiifii bakkoota biraa kan lafa jalaa yo tahan, mooraalee akkanaa keessatti hireen dargaggeeyyii Oromoo ar’allee kanuma obboleeyyan barroota sagaltammanii ta’ee jira.

Gochi Wayyanee kan kanaa gaditti hin laalamne Ka jireenna ummata Oromoo miidhaa dhufe beela. Beelli isaan ofumaa uuman kuniis Booranaa, Harargee, lafa gabboo Arsii bakka miidiyaan addunyaa “beela magariisaa” jedhee waame keessatti lubbuu nama kumaatamaa galaafatee jira.

Roorroon isaan lafa, bishaan, mukkeen bosonaatiifii bineensa daggala Oromiyaarratti oofaniis jiruu namaatii fii uumaa heddu barbadeeyse. Ragaa shira Wayyaanee kanaaf waan lama maqaa dhahuun gahaadha. Daggala Baalee ka ibiddaan barbadaawee fii daggala Iluu Abbaaboor kan amma barbadaawaa jiru yaadachuun gahaadha. Dhiibbaan gochi kun ummata keenyarratti yeroo kalutti fidu xiqqaa miti. Kana malees, qabeenna uumaa hagana ga’u balleessuun dhaloota dhufu irratti miidhaa guddaa qabaata. Hormaata ummataa hacuucuu danda’a; kun ammoo hawwii hoogganoonni WAYYANEE yeroo dheeraaf qaban ta’ee mul’ata.

Waan asii olitti tuqametti dabalee, Oromoo lafa akaakayyuu fii abaabbayyuu isaarraa buqqisuun jireenna ummataa bittineeessuu daran, dhiibbaa jireennaa kan isaan irraa hafuu hin dandeennerra geesee jira. Biyya keessa faca’uun miidhama guddaa osoo ta’u, laffarraa buqqa’uun akka biyya hinbeeknetti baqatanii jiruu uummachuu hindandeenne ummata godhee jira. Waldiddaa uumuunii fii akka bal’attu godhuuniis miidhaa guddaa ummata hedduurratti fidee jira. Wal diddaan Harargetti Isaa fii Oromoo gidduu, Somalee fii Oromoo jidduu; waldiddaan gara kibbaa kan Soomaalee fii Oromoo, Burjii fii Boranaa, Boranaa fii Gujii, Garrii fii Booranaa; waldiddaan dhihatti Gumuuz fii Oromoo; wal diddaan Kaaba-Bahaa kan Affariifii Oromoo hundi waladiddaa Wayyaneen ofumaa akooytee, uumtee shanyii Oromoo lafarraa duguuguuf hojiirra oolchite akka tahe ifatti mul’ata. Waldiddaa fii walitti bu’iinsi yeroo adda-addaatti tahe kuni lubbuu Oromoo hedduu galaafatee, qabeenna guddaas barbadeeysee jira.

Wayyaneen haguma fedheeyyuu sanyii Oromoo laffarraa gabaabsuu irratti bara digdamman dabran dalaganillee, gaachenni baay’inna gurmuu Oromoo ammallee dur daran isaan rifachiisee, hirriiba dhoorkaa jira. Kanarraa kan ka’e fixaansii sanyii Oromooirratti akka cimatti qindeeffamee itti fufamaa jira. Lolli amma Anniyya, Jaarsoo fii Mi’eessoo, naannoo Harargee keessatti deemaa jiru duulaa sadarkaa guddatti shanyii fixuuf godhamaa jiru. Duula kanaaf, Wayyaneen humana bakka isii bu’ee Oromoo ajjeesu qoppeeffattee jirti. Humna Wayyaneen jaartee-leenjifteetu Somaalee-Ogadeen keessaa ajaja Wayyaneetii ummata Oromo irratti duula bane. Humna “Liyyuu Poolis” (Poolisa Addaa) jedhamu kan hidhachiisee, leenjise ajaja laatuuf mootummaa Wayyaneeti. Kan geejjiba kennuuf, kan mindaa isaanii kafalu, kan bobbaa badii tanarratti isaan gorsu mootummaadha. Humna kanaatu ar’aa Hararghee keessatti ummatarratti shoorarkaa bane.

Lolli Baha Harargee keessatti yeroo dheeraaf godhamaa jiru kun lubbuu namaa irratti miidhaa guddaa geessaa jira. Maqaa waldhaba lafa gidduu ummata Somaalee tiifii Oromoo jedhuun, namni dhibbaan lakkaa’amu du’e, Oromoon kum-kudhannootaan lakkaa’amu qe’ee isaa irraa buqqa’ee, qabeenni isaa saamame yookin qoodame jira. Weeyrarri humnoota Soomaleetiin jiraattoota Oromnoo kan nagayaan biyya ifiirra jiraaturratti baname Ummata Oromoo kan naannoo Anniyyaa qe’ee isaarraa buqqaasee, alaa-mana dhoowwee jira.   Ummanni lakkooysaan guddaa kuni q’ee ifiirraa baqatee lubbuu isaatiin du’a jalaa baafatullee, amma dahannoo, nyaataa fii qoricha dhaba, bosonaafii dirree keeysa labaa jra. Jiruun isaanii diigamte, nama itti iyyatan dhabuu irraa kanaka’e, mirga namoomaatiifii mirga lafa akaakoo isaarra jiraachuu dhabuun hamileen jiruu isaa kan fuul duraa akka hamaa caphee jira.

Dhumarratti, murni lola kana ummata Oromoorratti bane mootummaa Wayyaneeti. Kanaafis Wayyaneen lola badii kan amma Oromoo Anniyyaa, Jaarsoofii Mi’eeysotti baname hundaafuu itti gaafatamuun waa hafuu miti. THBOn, Shira Wayyaneen ummata keenyarratti geggeeysaa jirtu kana jabeeysinee balaaleeyfata.

Ummata tokko ummata biroorratti kaasuun mala siyaasaa kani yeroo angoo ittiin dheereeyfatan tahuu ni hubanna.   Ummanni jaarraa hedduuf ollummaafii jaalalaan wal cinaa jiraate, kan seenaa siyaasaa akka tokko waliin qabu, kan hireen isaanii wal fakkaattu, sirna isaan qoqqoodu ofirraa argee, walqabatee diina ofirraa dhiibuu yoo baate, tilmaamni Wayyaneen karoorfame hojiirra oolee, ummata gaaga’u dandaya.

Kanaaf, murni Sabootaa hundi waldhaba Wayyaneen gidduu isaaniitti uumtu hundarraa of eeguu qaban. Kana malees, murni badii kanarraa bu’aa argatu WAYYANEE qofa ta’uu hubachuun barbachisaadha. Nagaan waliin jiraachuun, misoomaa, nagaa fii guddinna ummata naanna’aa fida. Waliin jireenni akkasii yoo hundi dantaa yaroo gabaabaatiif jecha ergamtuu WAYYANEE ta’uu dhabee qofa argama.

Haala amma humna Somaaleetiin Baha Harargee keessatti ta’e kana, Tokkummaan Humnoota bilisummaa oromiyaa (THBO) irra deeb’ee jabeeysee balaaleeyfata. Gochaa kanaas, humniti tuni ergamtuu Wayyaanee taatee kan goote tahuu hubannee, kanarraa dallansuu guddaatu nutti dhaga’ama. Humniti tun bifuma ta’eenu obbolummaa ummata Ogaadeen, ka seenaa cunqurfamaa tiifii fedhii akka ummata Oromoo qabu bakka hin buutu jennee amanna. Ar’aaf humna dhabaa tahullee, Oromoon akka humna horatu mamiin hinjiru. Turii-dafii ummanni Oromoo lafa ofii deeffachuuf wareegama feesisu ni kafala. Turii-dafii diinni, Wayyaneen gaaf tokko biyya teenyarraa numa baati. Gaafa san warri wal biratti ollummadhaan hafu Oromoo fii Soomaleedha. Kanaafuu, dantaa yerootiif jecha olloonni Oromoo meeshaa Wayyanee tahanii hariiroo fuul duraaf ummanni isaanii Oromiyaa waliin qabachuudhaaf jiraatan akka hin balleysine goesina.

Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (THBO)