Pressrelease Banner English

Dr. Sheeyk Mohammad Rashaad Abdullee

 (Barsiisaa, Sabboonaa, Sheeka)

 Fuulli Rabbii itti haa tolu

 May 29, 2013

Barri dhaloota isaa 1934. Lafti dhalootaa aanaa Carcar, Hararge. Nama sabboonaa ummta ofii jaalatuu fii qabsaa’aa ta’uuf naanno kanaa olitti kan nama hamilchiisu hin jiru jechuun ni danda’ama.

Abbaan isaa nama amantii Islaamaa hordofu ta’uu irraa kana ka’e mana qur’aana itti baratutti ergame. Achitti akkuma ilmaan yaroo saniitti amantii isaa hordofuun qajeelfama jiruuf isa feesisu baratee ogummaa silaa feesisu itti qadhaabate.

 Carcar lafa diinni ‘Habashaa’ lola hedduu ummata Oromo wajji itti godhe ta’uun ni beekkama. Lola boodas nafxanyoonni  lafa saamuun akka ummanni qabeenna hin horanne godhanii, jiruun ummataa abbootii lafaatiif dirqamanii dalaguu qofa ta’e. Haalli hadhaahaan akkasii kun waan abbootiin zamana san keessa ilmaanitti himanii fii barsiisan keessaa qooda guddaa qaba. Sh.Mohaammad Rashaad haala kana fakkaatu keessatti guddachuu fii of beekuun caalatii akka muratee waa godhu isa dirqe.

Ilmaan zamanaa san waa barachuuf ganda ofii irraa fagaatanii deemaa turan. Kunis jajjabeenna, kutannoo fii ogummaa guddaa namaaf akka dabalu hubatamaadha. Sh.Mohaammad Rashaad haasa’a ummata duratti godhan keessaa kanaatu calaqqisa. Biyya keessa naannoo gara garaa dhaquu fii namoota adda addaatiin wajji wal arguun caalatti akka jiruu fuulduraatiif qophaa’u isa godhe.

Irra caalatti baruumsaaf Sh. Bakri Sapaloo bira turuun daranuu akka xiinxallaa jiruu qabaatu fii ummata ofiitii yaada’u isa godhe. Akkuma beekkamu Sh. Bakri nama mootummaa H.Sillaaseetiin mormee fii Afaan Oromoo babal’isuu irratti qooda guddaa qabaataa ture; haga mana hidhaa dhaabbataa (qum isir) bara 1965 tti seenetti.

Gama birootiin qoodni amantii ‘Islaamaa’ kana keessatti guddisee mul’ata. Amantiin Islaamaa Ortodoxi Habashaa wajji wal mormaa guddaa qaba. Kaniisaan Ortodoksii lafa ummataa saamuu keessaa waan harka qabuuf Oromoon Wolloo, Baale tiifii Hararge akka Oromummaa isaa jabeessuu fii daranuu sabboonu isaan godhe. Haalli kun sheekkota Islaamaa hedduu akka qabsoo gumaachan gochuun waan seenaan ummata Oromo addeessu. Sababa kanaaaf sheekkonni  hedduun Wallo, Baalee fii Harargetti lubbuu isaanii dhabanii jiru.

 Haalli asii olitti tuqame kanneen seenaa Sh.Mohaammad Rashaad keessatti  waan hodhamee fii waan erga biyyaa ba’es booda jiruu isaa wajji laalamu ta’e argama.

 Imala Biyya Alaa:

 Biyya Saudi baruumsaaf deemuun isaa karaa heddu baneef. San booda biyya Paalestaayin (1950) dhaqee achitti baruumsa ol aanaa fixachuun caalatti akka yaanni isaa gama waa’ee ummata isaa fuulleffatu isa gargaare. Barootni kanneen ka sochoo’a ummata biyyoota Arabaa waan tureef; Sh.Mohaammad Rashaad haala biyya isaatiin walitti hidhee laaluun waanuma irraa eeggamu ture.

 Boodarratti baruumsa isaa sadarkaa univarsitiitti tarkaanfachiisuuf biyya Syriyaa (1951) dhaquun caalatti yaada isaa walitti guduunfeef jechuun ni danda’ama. Biyyaa akka Siiriyaa keessa yaroo kana turuun haala addunyaa dhuunfatanii beekutti nama geessa. Kuniis dheengi’a guddaa jiruu keessatti boodallee calalaqaa dhufe.

 Kanaan boodaas baruumsaa isaa xumurachuuf biyya Masrii dhaqe (1957). Barootni kun yeroo xumuruma lola addunyaa lammaffaa waan tureef Masriin biyya sochooni hedduun itti deemaa ture. Haalli kun jiruu fii muuxannoo Dr. Mohammad Rashaad keessatti bakka guddaa qabaata.

 Dr. Mohammad Rashaad akkuma Kaayroo irraa barnoota ol’aanaa fixateen biyya Somaaleetti dalagaaf ergame. Hireen ummata isaatti deebi’ee waa  godhu asiin jalqabamte. Baruumsa dheeraa qabaachuu fii dalagaa itti qabaachuun akka inni yeroo guutuu ummata isaa wajji jiraachaa beekkomsa isaa dagaagsifatu isa gargaare. Yeroo kana keessa biyya Somaaleetti Afaan Oromoo qorachuu, aadaa ofii bal’isee barsiisuu bira dabree,  Radiyoo Afaan Oromoo utubuu fii biyya isaattiis dhageettii argachuu jalqabe.

 Qabsoon Oromoo dagaagdee biyya Somaalee dhaqqabuunii fii ummanni Oromoo kan kumaan lakkaa’amu achi qubaachuun caalatti hiree dalagaa isaaf bane. Mootummaan Somaalee tarsimoo ofiitiif jecha ummata Oromoo ofitti qabuun afaanii fii aadaan Oromoo akka haara’atti laalamu godhe. Qubee barsiisuu fii babal’isuun dalagaa qabsoo taatee argamte.

 Bara 1980 keessa namoonni hagoon hooggana qabsoo Oromoo naannoo turte keessaa akka Dr. Mohaammad Rashaad wajjiin ‘Qubee Afaan Oromo’ irratti dalagan murtaa’e. Kanarraa kan ka’e barruu fii kitaabban kumaan lakkaa’aman maxxanfamee akka ilmaan Oromoo baratan godhame.

 Qoodni Dr. Mohammad Rashaad bifa hedduun laalamuu danda’a. Akka barsiisaatti ilmaan lafaa dhufu barsiise; akka sabboonaatti qabsoo Oromoo keessatti qooda guddaa kenne, akka sheekaatti  amantiin Islaamaa akka Afaan Oromootiin baratamtu mijjeesse (Qur’aanaa fii Hadiisa Afaan Oromootti hiikuu).

 Qooda walitti dhaabee kenne kanaaf Dr. Rashaad badhaasaa fii quundha murna hedduu irraa argate. Irra caalatti ummata Oromoo biratti nama Afaan Oromoo guddisuuf tattaafate, aadaa Oromoo bal’isuuf qooda guddaa kenne, sabboonummaa nama barsiisee fii nama ummata isaa wajji kufee ka’e ture.

 Gama boodaa kana (2009) Sh. Mohammad Rashaad dhibee godhachuun wajji biyyatti deebi’ee ummata wajji jiraate. Hawwii silaa qabu ummata isaatiif callaqise; rakkinna biyya jiruus ummata wajjiin qoodamaa osoo jiruu boqotee  gama fuula Rabbi dabre.

 Dhumarratti fuulli Rabbii itti haa tolu, warraa fii maatii isaatiif Rabbii obsa haa kennu. Seenaan ummata Oromo yoomuu isa yaadata, ummata Oromo biratti bakka guddaa qabaata, dhaloonni dhufu irraa deddeebi’ee isa yaadata.

 

Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (THBO)